Barsiisa Kristaanaa (Kateekismoos) Isa Xiqqaa

Qopheessaan: Dr. Maartiin Luuter

Dhuga-ba’umsa Amantii Kristaanaa

Dhuga-ba’umsa Amantii Kristaanaa

Geggeessaan maatii karaa salphaa ta’een maatii isaa barsiisuu qaba

Keeyyata Duraa: Waa’ee Uumamaa

Nan amana hundumaa kan danda’u Waaqayyo Abbaatti; Uumaa waaqaatii fi lafaatti.

Kun maal jechuu dha? Waaqayyo anaa fi uumama hundumaa akka uume: qamaa fi lubbuu, ijas, gurras, bu’aa qaamaa hundumaas; qalbiis, hubachuus akka anaaf kenne, hamma har’aattis akka ana eegu nan amana. Inni uffataa fi kophees, nyaataa fi dhugaatii, manaa fi qee’ee, haadha manaa (abbaa manaas) fi ijoollee, lafa, beelladaalee, fi waan ana barbaachisan hundumaa naaf kenna. Foon koo fi lubbuu koof kan barbaachisan hundumaa, baay’inaan guyya guyyaatti naaf kenna. Inni balaa hundumaa ana irraa ittisa, eegduus naaf ta’ee hamaa hundumaa irraa na golbooba. Kanas hundumaa arjummaa, gaarummaa fi araara Abbummaa fi Waaqayyummaa Isaatiif jedhee anaaf godhe malee, gaarii hojii kootiif miti. Waan kana hundumaafis Isa galateeffacuun, Isa jajachuun, Isaaf hojjechuu fi Isaaf abboomamuunis dirqiitti anaaf ta’a.

Kun dhugaa qabatamaa dha.

Keeyyata Lammaffaa: Waa’ee Fayyinaa

Nan amana tokkicha Ilma Isaa, Yesus Kristos Gooftaa keenyatti, Hafuura Qulqulluutiin kan ulfeeffame, Maariyaam durba irraa kan dhalate, bara Philaaxos Pheenxenchaattis kan dhiphate, kan fannifame, kan du’e, kan awwaalames. Sii’olitti kan gadi bu’e. Guyyaa sadaffaattis du’aa kan ka’e. Gara waaqaattis kan ol ba’e; hundumaa Isa danda’uu gara mirga Waaqayyo Abbaa kan taa’u. Achiis kan deebi’u warra jiraniif warra du’anitti murteessuudhaaf.

Kun maal jechuu dha? Nan amana Yesus Kristos Waaqayyo dhugaa akka ta’e, bara baraa eegalee Abbaattii kan dhalate. Akkasumas Nama dhugaa isa ta’e, Maariyaam durba irraa kan dhalate; Inni Gooftaa koo Isa ana nama badee fi kan natti murtaa’e na fure; Inni cubbuu hundumaa keessaa, du’a keessaa, humna seexanaa jalaa, warqee fi meetiin utuu hin ta’in, dhiiga Isaa isa qulqulluu fi gati-jabeessaan, yakka malee dhiphachuu fi du’uu Isaatiin na fure. Anis kan Isaa ta’ee Isaa wajjin mootummaa Isaa keessa akkan jiraadhuu fi qajeelummaa, qulqullummaa fi eebbifamuudhaan akkan Isaaf hojjedhuuf, akka Inni warra du’an keessaa ka’e, hamma bara baraattis isa mo’utti nan amana.

Kun dhugaa qabatamaa ta’ee dha.

Keeyyata Sadaffaa: Waa’ee Qulqullummaa

Nan amana Hafuura Qulqulluutti. Tokkicha qulqullaa’aa Waldaa Kristaanaatti, tokkummaa qulqullootaatti, dhiifamuu cubbuutti, du’aa ka’uu fooniitti, jireenya bara baraattis. Ameen.

Kun maal jechuu dha? Ani beekumsa yookiis jabina ofii kootiin Gooftaa koo Yesus Kristositti amanuu, yookiis gara Isaa dhufuu akkan hin dandeenye nan amana; garuu Hafuura Qulqulluutu karaa Wangeelaa na waamee, kennaawwan Isaatiinis naaf ibse. Inni na qulqulleessee amantii isa dhugaa keessattis na eege. Haaluma wal fakkaatuun Inni guutummaa Waldaa Kristaanaa walitti qabee, hubachiisuudhaa fi qulqulleessuudhaan amantii isa tokkicha dhugaa keessatti Yesus Kristositti in eega. Waldaa Kristaanaa kana keessatti guyyaa guyyaatti badhaadhummaa Isaatiin cubbuu koo hundumaa fi kan amantoota hundumaa nuuf in dhiisa. Guyyaa isa dhumaatti anaa fi amantoota warra kaan hundumaa du’aa nu kaasee Kristositti jireenya bara baraa nuuf kenna.

Kun dhugaa qabatamaa dha.