Dhoksaa Irbaata Gooftaa (Qulqulluu)
Geggeessaan maatii karaa salphaa ta’een maatii isaa barsiisuu qaba
Dhoksaan Irbaata Gooftaa maali?
Irbaati Gooftaa Isaa dhugaa foonii fi dhiiga Yesus Kristos Gooftaa keenyaa ti. Buddeenaa fi Daadhii Waynii keessaan nyaachuu fi dhuguudhaaf nu Kristaanotaaf Kristosiin kan nuuf kennamee dha.
Kun eessatti barreeffame?
Qulqulloonni Barreessitoota Wangeelaa Maatiwoos, Maarqos, Luqaas, akkasumas Phaawulos qulqulluun akkana jedhanii barreessan: Gooftaan keenya Yesus Kristos, halkan itti qabame sanattibuddeena fuudhee, galateeffatee,cabsees bartoota Isaatiif kennee jedhees: “hoo’aa nyaadhaa kun foon Kooti, isiniif kan kennamu, kana seenaa Kootiif godhadhaa” jedhe.
Akkasumas immoo Irbaata booda xoofoo fudhatee, galateeffatee, akkana jedhaas isaaniif kenne: “kanattii dhugaa hundumti keessan; xoofoon kun Kakuu Haaraadha, dhiiga Koo ti; isiniif kan dhangala’u dhiisuu cubbuutiif, kana yeroo itti dhugdan hundumaatti seenaa Kootiif godhadhaa.”
Nyaannii fi dhugaatiin kun maal waa’ee baasa?
Jechooti kun, “Isiniif kan kenname, isiniif kan dhangala’e dhiifama cubbuu keessaniif ”, kan jedhu kun Dhoksaa Qulqulluu kana keessaan dhiifamuun cubbuu, jireenyi bara baraa fi fayyinni karaa dubbii kanaa akka nuuf kenname argisiisa. Iddoo dhiifamuun cubbuu jiru jireenyi bara baraa fi fayyinni jira.
Qaamaan kana nyaachuu fi dhuguun attamittiin waan guddaa akkasii hojjechuu danda’a?
Dhugaadhumatti nyaachuu fi dhuguu kophaan kana hin hojjetu, garuu dubbii asitti barreeffame: “isiniif kan kename, isiniif kan dhangala’e dhiifamuu cubbuutiif ” jedhutu kana hojjeta. Dubbiin kun, kan mul’atu nyaataa fi dhugaatii wajjin Dhoksaa Qulqulluu kana keessatti hundumaa irra wantoota ijoo dha. Namni dubbii kanatti amanu eenyu iyyuu akkuna inni jedhu: “Dhiifamuu Cubbuu” qaba.
Egaa Irbaata Gooftaa kana eenyutu fudhachuu qaba?
Soomuunii (laguu) fi qaama ofii qopheessuun shaakala gaarii dha. Garuu dubbii abdii isa: «isiniif kan kenname, isiniif kan dhangala’e dhiisuu cubbuutiif» jedhutti kan amanee hundinu Irbaata Gooftaa fudhachuuf dhugaatti kan qophaa’ee dha.
Garuu dubbii kanatti kan hin amanne, yookiis Irbaata Gooftaa fudhachuun isaaf akka hin taanetti kan mamu, dubbii isa «isiniif» jedhu garaa amantii guutuudhaan waan hin fudhanneef Irbaaticha akka ta’uufitti fudhachuudhaaf hin qophoofne.